ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Dirqamni sabicha ajjeesuun jiilchuu qaama dhokataa “Koree Nageenyaa” ofiin jedhuun kennamu jabaatee itti fufuun, ajjeechaa suukkanneessaan golee Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufee jira.
Haaluma kanaan waraanni bilxiginnaa kaleessa Bitootessa 28, 2024 Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti Maanguddoo obbo Siidaa Taliilaa jedhamu mana isaa keessaa qabuun ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Obbo Siidaa Taliilaa, yeroo garaa garaatti ilma keetu miseensa WBO’ti jedhamuun hidhamaa kan ture yoo ta’u, waggaa darbe manaa fi qabeenyaa isaa guutuu ibiddaan gubanii barbadeessanii turan.
Maanguddoo ganna 80, kan umriin isaaniiyyuu hirmaannaa siyaasaa keessatti akka dammaqoo hin taane agarsiisu, maqaa ilma isaatiin bulchaan aanaa Liiban Cuqqaalaa namni Dabalee Naguu jedhamu waraana fuudhee qe’ee isaa deemuun ganda Agamsa Rogichaa iddoo addaa Gooroo jedhamutti ajjeesanii deemuu jiraattotni dabaluun ONM’tti himaniiru.
Kora gidduu kana taa’amaa jiru irrattis nama shakkinu hundaa akka ajjeefnuuf ajajni nutti kennamee waan jiruuf, akka nuti jennetti hin bultan yoo ta’e isin fixna jechuun uummatatti dhaadataa akka turan gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

