ONM-ABO Waxabajji 13, 2023
Guutuu Oromiyaa keessatti miidhaan kallattii garaagaraatiin waraana sirnichaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, impaayerri itoophiyaa diinummaa ilmaan Oromootiif qabu ifatti mul’isuun hidhuu, doorsisuu, qe’ee irraa buqqisuu fi gochoota gara jabeenya hedduu raawwachaa Jira.
Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti irra deddeebiin milishoonni sirnichaa fi waraanni kolonel Abiy Ahimed magaalaa Adulaalaa keessatti dargaggoota fi jiraattota adamsanii hidhaa kan jiran yoo ta’u, milishaan maqaan isaa Taayyee Taaffasaa jedhamu waraana fudhatee manneen uummataa irra deemuun namoota nagaa mana hidhaatti guursisaa jira.
haaluma kanaan guyyaa Kaleessaa waxabajji 12, 2023 dargaggoota maqaan isaanii Daadhoo Lubee, Dassaaluu Darsee fi Tufaa Bulaa jedhaman dabalatee namoota nagaa hedduu hidhanii dararaa Jiraachuu maddeen himan.
Kanaan duras dargaggoota maqaan Isaanii Tashoomaa Boossee, Abarraa Bojoraa, Bashkadaa Roorrisaa fi Raggaasaa jedhaman mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti dararaa turan, gara mooraa waraanaa Aseer geessuun reebicha hamaa irratti geggeessuun, reebicha irraatti raawwatame kanaanis hedduu midhamuun of dadhabanii Jiraachuu maddeen himuun, maatii fi firoonni Isaanii akka arganii hin dubbiilsne irraa dhorkuunis, dargaggoonni Kun dhibeef saaxilamuun nyaataa fi yaala illee dhabanii haala ulfaataa keessa Jiraachuu maddeen dabaluun dubbatan.

