Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti loltootni impaayera itoophiyaa namoota lama ajjeesuun, dargaggoo tokkos madeessuun dhaga’aame

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

Aanota godina baha Shaggar keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed guyyaa gara guyyaatti ilmaan Oromoo badii malee hidhuu fi ajjeesuun dhiiga qulqulluu dhangalaasaa fi lubbuu namoota nagaa obbaafachiisaa jiru.

Caamsaa 24, 2023 godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Jaarsaatti, namoota nagaa sadii isin ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi ni deggertu jechuun, waraanni biltsiginnaa rasaasaan rukutuun namoonni lama battaluma Sana yoo du’an, tokko ammoo madaa’uun hospitaala seenee yaalama Jira.

Namoonni ajjeefaman Kunis obbo Naannessaa Korbaa maanguddoo ganna 50 fi Kifilee Kan jedhamu yoo ta’u, dargaggeessi madaa’uun hospitaalatti yaalamaa jiru maqaan isaa nu hin qaqqabin Jira.

Ona Liiban Cuqqaalaa keessatti ajjeechaa fi dararaa waraanni sirnichaa raawwachaa jiruun, jiraattotni onichaa nagaan ba’anii galuu dadhabuu fi haalli nageenyaa onicha keessa jiru yaaddessaa ta’uu himu.

Exit mobile version