Godina baha Shaggar ona Liiban Cuqaalaa keessatti maanguddoo Oromoo tokko ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ti jechuun manneen jalaa guban.
( oduu ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Murni bilxiginnaa seeraa abbootiin isaanii EPRDF baase guyyaa tokko iyyuu osoo hin ilaalin waa’ee olaantummaan seeraatu cabee fi bakkatti deebisna lallabu waan abbaa hin qabatinitti yookiin hin taanetti ilmaa isaaf jecha abbaa yakkuun tarkaanfii bu’uura seeraa hin qabne irratti fudhachuun impaayeerattii keessatti bartee ta’ee jira.
Kaleessa Waxabajjii 12,2022 godina baha Shaggar ona Liiban Cuqaalaa ganda gandaa Daglagalaa Jiddaa naannoo Gooroo jedhamuun beekamutti qabeenya nama dhuunfa kan manguddoo Siidaa Talilaa jedhamu ibiddaan barbadeessan.
Qabeenyi obbo Siidaa abiddaan barbaada’e manneen sadii miidhaan callaa gombisaa fi mana keessa guutee jiru waliini.
Waraanni murna bilxiginnaa kun obbo Siidaa irratti tarkaanfii sukkanneessaa kana kan fudhataniif ilma keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromoo ti jechuun akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Impaayeera itti murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo badii isaanii malee yakkuun miidhaa irraan ga’u keessatti yeroo darbes maanguddoo kana yakka tokko malee qabuun baatii 9 erga hidhaniin booda qarshii 50,000.00 ( kuma shantama ) kanfalchiisuun gadhiisuu isaanii fi sun ga’uu hanqannaan jireenya isaanii guutuutti balleessuuf gocha kana raawwachuu isaanii hawaasni ganda sanaa gochicha hadheeffachuun ibsaniiru.

