ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa keessaa waraanni Bilxiginnaa:
- maangudoo ganna 70 olii maqaan isaa Obbo Fayyisaa Hanjiloo jedhamu kan dhalootaan uummatoota Kibbaa ta’ee fi
- shamarree maqaan ishee Maartuu Masgabuu jedhamtu
maqaa isaan quba hin qabne deggartoota WBO’ti jedhuun waajjira poolisii magaalaa Maqii keessatti darbachuun dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen paartilee siyaasaa kamiyyuu waliin hidhata kan hin qabne ta’uu himuun, maanguddoon waraana Bilxiginnaan hidhaatti darbataman kun hawaasa naannoo isaanii keessatti namoota walitti araarsuu fi maatii ofii waliin nagaa fi jaalalaan kan jiratan ta’uu itti dabaluun ifoomsaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaan siyaasa Bilxiginnaa deggeruu diddanii fi maatii qabsa’ootaati waan jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti gochaawwan hamaa irratti raawwataa jiru.

