ONM-ABO Caamsaa 18, 2024
Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo ajjeesee jiilchuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu godinaalee Oromiyaa mara keessatti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu irratti bobba’ee jira.
Haaluma kanaanis godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Aabboo Alii Dooroo keessatti Kamisa darbe Caamsaa 16, 2024 shamarree ganna 17 maqaan ishee Iftuu Dachaasaa jedhamtu rasaasaan rukutuun karaa irratti gatanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni faashistii PP duula WBO balleessinaan godinichatti bobba’een meeshaalee waraanaa gurguddaa fi humna qilleensaa fayyadamuun miidhaa namaa fi qabeenyaa irraan ga’aa kan jiru yoo ta’u, waraanni lafoon bobbaafaman ganda seenan cufatti ilmaan Oromoo ajjeesuun gocha qaama saban bulcha jedhu irraa hin eegamne raawwachaa fi hawaasichatti roorrisaa jiru.
Aanaa Warra Jaarsoo kana keessatti ajjeechaan alattis saamicha, hidhaa fi doorsisa geggeeffamaa jiruun, hawaasni sodaa jireenyaa keessa seenee akka qe’ee dhaloota isaa dhiisee baqatu taasisaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

