Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti jabaate

ONM-ABO Caamsaa 2, 2023

Hidhaa fi dararaan waraanaa fi kaabinoota murna bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamuu itti fufuun, godina Kaabaa Shaggar aanota garaagaraa keessatti namootni hedduun badii tokko malee hidhamuun hiraarfamaa jiru.

Torbaan darbe keessa godina Kaaba Shaggar ganda Lattuu Wal Argii keessatti namoota maqaan isaanii Tasamma Darrasaa, Booxee Masqalaa, Fayyee Ijaaraa, Fay’isaa Naggasaa, Fayyee Maaritoo fi Bulchaa Ajjanoo jedhaman maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi nyaachistu jedhuun waraana shororkeessaa PPn mooraa waraanaa iddoo Ejersa jedhamutti hidhuun gidirsaa jiru.

Gochi ilmaan Oromoo ilaalcha garaagaraan yakkanii mana Oromoo darbuun dararan kun aanota godina Kaaba Shaggar jalatti jabaatee jiraachuu himuun, hidhaa fi dararaa kana tokkummaan kaanee ofirraa dhabsiisuun nagaan jiraachu qabna kan jedhan jiraattota aanaa Warraa Jaarsooti.

Oduu biraatiin ammoo godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa Karkarreessaa keessatti waraanni faashistii PP maqaa raayyaa ittisa impaayerattiin socho’an kaleessa Caamsaa 1, 2023 toora sa’a 8:00 irratti dargaggoo maqaan isaa Abdii Zagayyee jedhamu kan ajjeesan yoo ta’u, abbaan isaa obbo Zagayyeenis badii tokko malee mana hidhaa aanichaatti erga hidhamanii waggaa tokkoo ol lakkoofsisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version