ONM-ABO Fulbaana 6, 2023
Kaaba Shaggar aanota adda addaa keessatti murni faashistii PP loltoota isaa bobbaasuun uummata Oromoo jireenya isaaf dhama’aa oolu yakka isaan keessaa hin qabneen yakkuun jireenya isaanii goolaa oolu.
Waraanni faashistii PP kun Fulbaana 3, 2023 godina Kaaba Shaggar aanaa sulultaa ganda Gumbichuu keessatti abboota warraa kan maqaan isaanii Gammadaa Hirphoo abbaa fi ilma Aabbee Gammadaa dabalatee namoota maqaan isaanii Dhaqabaa darbaa fi Gurmeessaa Tulluu jedhaman qabuun mana hidhaa galchuun dararaa jiru.
Murni faashistii PP kun erga warraaqsa uummata Oromoo butuun aangootti dhufee taayitaa isaa hundeen gadi jabeessuuf loltoota isaaf amanamoo ta’an leenjisee bobbaasuun ilmaan Oromoo ittiin ajjeesaa, saamaa, hidhaa, buqqisaa fi reebaa jiraachuun ni beekama.

