• Mon. Jan 12th, 2026

Kaaba shaggar  aanaa sulultaa keessatti hidhaan abboota maatii fi dargaggoota irratti murna PPn jabaate

Sep 6, 2023

ONM-ABO Fulbaana 6, 2023

Kaaba Shaggar aanota adda addaa keessatti murni faashistii PP loltoota isaa bobbaasuun uummata Oromoo jireenya isaaf dhama’aa oolu yakka isaan keessaa hin  qabneen yakkuun jireenya isaanii goolaa oolu.

Waraanni faashistii PP kun Fulbaana 3, 2023 godina Kaaba Shaggar aanaa sulultaa ganda Gumbichuu keessatti  abboota warraa kan maqaan isaanii  Gammadaa Hirphoo abbaa fi ilma Aabbee Gammadaa dabalatee namoota maqaan isaanii Dhaqabaa darbaa fi  Gurmeessaa Tulluu jedhaman qabuun mana hidhaa galchuun dararaa jiru.

Murni faashistii PP kun erga warraaqsa uummata Oromoo butuun aangootti dhufee taayitaa isaa hundeen gadi jabeessuuf loltoota isaaf amanamoo ta’an leenjisee bobbaasuun ilmaan Oromoo ittiin ajjeesaa, saamaa, hidhaa, buqqisaa fi reebaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading