Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko irraa aalbeen rifeensa yoo haadan, Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa-Sibuutti jiraataa tokko ajjeesan

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024 

Erga koloneel Abiy Ahimed aangoo qabatee as Oromiyaa keessatti olaantummaa siyaasa isaaniii akka uummanni dirqiin fudhatuuf qaamoleen waraanaa bobbaafaman dhiibbaa isaan jiraattota irratti taasisaa jiran dubbachuuf kan nama saalfachiisuudha.

Uummanni Oromoo abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuun mootummaa ofii filatanii ittin buluuf jecha adda isaanii rasaasa wayyaaneetti kennanii falmii isaan taasisaa turan Paartii Badhaadhinaan guyyaa jalaa butamee kaasee boqonnaa waaraa kan dhabe sabichi, guyyuu rasaasa ujummoo afaan qawwee waraana sirnichaa keessaa ba’uun dhumaatiin daangaa darbe irratti geggeefamuun cimee itti fufee jira.

Jiraataa godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Qilxuu Abbaa Mootii kan ta’e Obbo Ciibsaa Amanuu Sadaasa 13, 2024 walakkeessa halkanii qe’ee isaatii waraana garboomfataa PP’n butamee ajjeefamuun himameera.

Obbo Cibsaan abbaa ijoollee 6 yoo ta’u, dhiira sadii fi shamarran sadii akka qabus dabalanii himuun, tuttuqaa siyaasaa kam irraas bilisa ta’ee osoo jiraatuu ilma Oromoo ta’ee dachee Oromiyaa irra wanta jiraatu qofaaf yakkamee ajjeefamuu itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Waraanni maafiyaan impaayerattii naamusa waraanaa tokkollee hin qabne yeroo gara yerootti maqaa adda addaa hawaasa nagaatti maxxansuun sobaan yakkee jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa ta’e irratti  raawwachuu itti fufee jira.

Aanaa Diggaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman hawaasa gidirsuu isaanii cimsanii itti fufuun, ganda Odaa Dhidheessaa jedhamu irraa Sadaasa 8, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Abdullaaziz Abdullaa Alii jedhamu bakka qonnaa isaa deemuun aalbee irraa fuudhanii rifeensa irraa haaduu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti, qonnaan bulaan kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu ibsuun, kaadiroonni fi waraanni maafiyaa PP garuu sobaan yakkanii maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun gocha dabaa kana irratti raawwachuu himu.

Exit mobile version