ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Faana mootummoota abbaa irree impaayerattii darbanii hordofuun dabaree isaa daguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti raawwachaa kan jiru kolonel Abiy Ahimed kaabinootaa fi waraana isaa goleewwan Oromiyaa keessatti bobbaasee jiruun lubbuun ilmaan oromoo guyyaa irra guyyaatti rasaasa sirnichaan akka baalaa harca’aa oola.
Dachee abbaa isaa Oromiyaa irratti yakka tokko qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaaf wareegama lubbuu kaffaluu irra darbee ajjeeffamee reeffa isaa bineensi soorachaa kan oolu uummanni Oromoo ammas ergamtoota sirna nama nyaataa bilxiginnaan qe’ee isaa keessatti haala suukanneessaan ajjeefamaa jira.
Haaluma kanaan Bitootessa 22, 2024 Godina lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti dargaggoo maqaan isaa Shifaa Sabbooqaa Dafaa jedhamu jiraataa ganda Daamxoo kan ta’e achuma ganda ollaa Malkaa Eebichaa jedhamu keessatti waraanni faashistii pp badii tokko malee Oromummaa isaa qofaan yakkuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Aanichaa ONM’tti himaniiru.
Aanicha keessatti yeroo hedduu irra deddeebiin uummanni nagaan ajjeefamuu bira darbee qabeenyaan isaa saamamuu fi gubachuun uummanni hedduun rakkoo hamtuu keessatti kufanii jiraachuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

