Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti hidhattootni sirnichaa dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun ajjeesan

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Duulli duguuggaa sanyii Oromoo irratti xiyyeeffate bakkeewwan hedduutti itti fufee kan jiru yoo ta’u namoonni nagaanis gochaa isaanii malee akkasumas gaaffii tokko malee qe’eef qabeenyaa isaanii irraa irbaata rasaasaa ta’aa jiru.

Namoota nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun osoo mana murtiitti dhihaatee yakki isaa hin ilaalamin murtee du’aa itti murteessuun battalumatti ajjeesaa jiru.

Guyyaa Dilbata darbe Ebla 7, 2024 ganama irra Lixa Wallaggaa ona Baabboo Gambeel ganda Sirba Igguu jedhamu keessatti sababa tokko malee karaa gubbaatti dargaggoo Ahimad Asaffaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.

Dargaggoo kanas gaaffii tokko malee akkuma karaa irratti arganiin ati ni shakkamta jechuun ajjeesanii bira darbuu himuun, dargaggoon kun maatii qonnaan bultootaa irraa akka dhalatee fi achumatti hojii qonnaan kan ofii fi maatii isaa jiraachisu akkasumas, siyaasa keessaa quba hin qabne ta’uus dabaluun himaniiru.

Exit mobile version