Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti shamarreen tokkoo fi dargageessi tokko Waraana sirnichaan ajjeefaman

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Sirni badee balleessaan ilmaan Oromoo uummattoota impaayerattii keessaa addatti xiyyeeffachuun yakka tokko malee dararaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa jiru bilxiginnaan daa’immanii eegalee dargageessaa hanga naanguddootti rasaasaan ajjeesuun reeffa namoota nagaa bineensa sooraa jira.

Gochoonni badii kanneen akka saamichaa, hidhaa fi ajjeechaan ergamtoota sirnichaan Oromoota irratti raawwatamaa jiru kun cimee itti fufee jira.

Onkoloolessa 24, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Ambaalloo Diillaa keessatti maqaa WBO waliin quunamtii qabdu jedhu itti maxxansuun gocha isaan quba hin qabneen balleessaa tokko malee Shamarree Boontuu Badhaasaa fi dargaggoo Jaabir Yaasin jedhaman ganama qabuun erga of bira oolchaniin booda galgalarra rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kan nama gaddisiisu shamarree Boontuu irratti gudeeddaa  erga raawwataniin booda ajjeechaa gara jabinaa akka irratti raawwatanis dabaluun ibsaniiru.

Aanaa Baabboo Gambeel kana keessatti torbeedhuma kana qindeessaa mana barumsaa fi barsiisaa qaraa dhalootaa Eebbisaa Gaammee Daarroo jedhamu Onkoloolessa 22, 2024 ajjeesanii gatuun ni yaadatama.

Exit mobile version