ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa naamusa waraanummaa fi seera idileen ala socho’uun dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti gocha fedhan irratti raawwachuu kan amaleeffatan yoo ta’u, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti jiraattota irratti reebicha ulfaataa qaama laalessu raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamurraa Sadaasa 3, 2024 badii tokko malee maqaa “namoota waraana deeman nu jalaa baaftan” jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Aliyyii Yuuyyaa Hasan,
- Shaafii Yuuyyaa Hasan,
- Maaliyaa Mohaammad Ibroo fi
- Abdii Aliyyii Dheeraa kanneen jedhaman irratti lukkeeleen Bilxiginnaa reebicha hamaa ta’e raawwachuu jiraattonni araddichaa ONM’f eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni reebaman kunneen qaama siyaasaa kamiin waliin iyyuu hidhata kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan yoo ta’an, “dargaggoota waraana deeman nu jalaa baaftan” jedhamuun reebicha ulfaataa qaama isaanii irra ga’eef mana yaalaa akka hin deemne dhorkamanii du’aa fi jireenya gidduu jiru jechuun miidhaa akka aanichaatti hawaasa irratti raawwachaa jiru itti dabaluun ibsaniiru.

