Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa reebicha ulfaataa jiraattota irratti raawwachuu itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituu PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi dararaa adda addaa irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa reebicha ulfaataa jiraattota irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu  keessaa Onkoloolessa 14, 2024 ergamtoonni sirnichaa namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Mohaammad Hasan Ibiraahimii fi 
  2. Abdii Kaliif Jibiroo kanneen jedhaman irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun yeroo gabaasni kun itti qindaa’etti yaala dhabuun isaan gidduutti akka argaman maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Exit mobile version