ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa dantaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii qofa durfachuun, ilmaan Oromoo ammoo afaan qawwee itti qabanii hacuucuun dararaa hamaa ta’e irratti raawwachaa kan jiranii fi diinagdee uummata Oromoo roga isaaniif danda’ame maraan dadhabsiisuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti ergamtoonni bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii milkeessuuf jecha ilmaan Oromoo dararuun afaan qawwee itti qabanii maqaa “deggersa paartii” jedhuun qarshii dhibba lama lama dirqamaan guuraa jiraachuu fi yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dha’anii qarshii guuraa kan turan, yeroo ammaa kana immoo bifa haarawwaa ta’een saamichi ulfaataan hawaasa irratti geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa himan.
Addatti immoo bulchaan araddichaa milishoota hawaasa irratti bobbaasee garmalee mirga jiraattotaa sarbuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

