ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Waxabajjii 10, 2025 “maallaqa ittiin dhagaa guursisnee waajjira gandaa jala hiisifnu fidaa” jechuun dirqamaan hawaasa harkaa qarshii 300 fuudhaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees, qonnaan bultoota harka qalleeyyii ta’an kanneen maqaan isaanii:
- Adinaan Rashiid Usmaan,
- Aliyyii Amiinaa Dooyyoo,
- Naasir Ahimad Umarii fi
- Shaafii Mahaammad Sa’id
jedhaman “qarshii kaffaluu diddan” jechuun hidhaatti darbatanii guyyoota 4’f humnaan dhagaa guursisaa turuun booda qarshii 300 harkaa fuudhatanii gadi dhiisuun himamee jira.
Aanaadhuma kana bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamu irraa saamtonni Bilxiginnaa garaa guuttachuuf ifaajan, hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee jiru saamanii jireenya dhuunfaa geggeeffachuu amaleeffatan, “maallaqa boondii kennaa!” jechuun dubartoota magaalichaa hunda irraa humnaan qarshii 100 fuudhaa jiraachuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.
Aanichatti, maqaa kaffaltii gosa adda addaa nagahee tokko hin qabneen afaan qawween dirqamanii kaffaluun hedduu kan isaan rakkisaa jiruu fi sababa jaleewwan sirnichaaf hawaasni guutuummaan akka itti ba’ee galu dhabee hiraarfama hamaa keessa jiraachuun gabaafamee jira.

