Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Malkaa Ballootti saamichi lafaa jiraattota irratti taasifamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Balloo araddoota akka Dhagaa Balloo, Makkanniisaa fi Tokkummaa jaalalaa keessatti murni faashistii PP afaaniin badhaadhina faarsaa faallaa isaa immoo hojiidhaan farra guddinaa ta’uun yeroo ammaa ooyiruu qonnaan bultootaa afaan qawween irraa fudhachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru 

Haaluma kanaan araddoota kanneen keessatti qonna  qamadii bonaa jechuun jiraattota hedduu qoochisiisaa kan turan yoo ta’u, namoota qarshii ittiin xaa’oo binnu hin qabnu jedhan ammoo dirqamaan buusaa gonofaatiif qotuu qabdu jechuun qochisiisaa jiraachuun ifoomeera. 

Itti gaafatamaan dhimma buusaa gonofaa aanichaa namni maqaan isaa Yaasin Abdullaa jedhamu murtii dabaa gad buuseen qaxanaan Dhagaa Balloo qofti qamadii ardaba soddoma (30) dhuunfaa isaaniitti oomishanii akka galchan jiraattota ganda tokkootti murteessee jiraachuun ibsameera.

Kana malees namni kun saamicha daangaa darbe jiraattota irratti raawwachaa jiruun kuusaa midhaan uummataa banuun kaffaltii buusaa gonofaaf midhaan jiraattotaa humnoota milishootaan saamaa akka jirus ifoomeera.

Exit mobile version