Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Balloo keessatti murni PP dargaggoota leenjii waraanaatti guuruu fi hidhaan uummata gidirsaa jiraachuun barame

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Ergamtoonni murna PP uummata Oromoo dararuuf bobba’anii jiran aanaa Malkaa Balloo keessatti dargaggoota afaan qawween ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufaniiru.

Keessattuu magaalaa Jaajaatti milishoonni fi Poolisoonni sirnichaa halkan manneen uummataa irra deemuun dargaggoota hedduu ukkaamsaa jiraachuu kan gabaasan maddeen, hidhaas uummata irratti jabeessuun nama maqaan isaa Maammaa Amad Muummee jedhamu gabaaf jecha gara magaalaa yeroo dhaqu reebicha irratti raawwachuun obboleessa isaa waliin hidhanii hiraarsaa jiraachuu ONM’f eeranii jiru.

Aanaadhuma kana keessatti maqaa WBO’tu ona kana seenee jira jedhuun araddoota gara gammoojjii Gola Odaan wal daangeessan keessatti humnoota waraanaa bobbaasuun uummata saamaa jiraachuu fi hidhuu kan dubbatan jiraattonni, magaalaa Jalloo keessatti ammoo gabaa ugguruun uummanni akka itti wal irraa bitee walitti gurguru dhorkamuun gidiraa hamtuu argaa jira.

Ittuma fufuun uummata onichaan WBO’n aanaa kana seenee jira jedhanii oggaa uummatatti himan “uummaannis deebisee lakkii isinumti warri agartan wal gaafadhaa nuti homaa hin beeknu erga agartanii ofumaa deemaa barbaadaa ittiin jennaan reebicha ulfaataa irratti raawwachuun qabanii hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version