ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Harawaacaa keessatti jimaa qonnaan bulaan ooyiruu isaa jimaa irraa cabsee gabaaf dhiyeessee daldalatee jiruu fi jireenya isaa ittiin geggeeffatu jaleewwan Bilxiginnaa “gatii qaraxaa qarshii 200 yoo kaffaltan malee hin gurgurattan” jechuun dararaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, qonnaan bulaan beeylada isaa gara gabaa geeffatee daldalachuu yoo barbaade loon tokkotti qarshii 500 saamamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Saamicha kanas hawaasa nagaa irratti adda durummaan raawwachaa kan jiru bulchaa magaalaa Harawaacaa kan ta’e nama maqaan isaa Dureessaa Miskiinaa jedhamu ta’uu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen jireenya dhuunfaa isaanii qofa geggeeffachuuf halkaniif guyyaa dhama’an kufaatii dinagdee impaayerattii mudate sababeeffachuun yeroo adda addaatti kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen saamicha ulfaataa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

