ONM-ABO Ebla 26, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa ganda Qu’ee Golaa jedhamu keessaa qonnaan bulaa maqaan isaa Ismaa’il Harahaa jedhamu jaleewwan Bilxiginnaa badii tokko malee qe’ee isaa irraa erga ari’anii booda, ooyiruu qonnaa isaas irraa fuudhanii milishaa Aliyyii Ahimad jedhamuuf kennanii Ebla 24, 2025 jiraattota araddichaa dirqamaan baasanii qochisiisuufii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Milishaan Bilxiginnaa Aliyyii jedhamu kun ammoo armaan dura osoo miseensa milishaa hin ta’in laficha qonnaan bulaa kana irraa qixxee fuudhee oomishaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kana qawwee of harkaa qabutti dhimma ba’uun kan dhuunfaa isaa taasifatee jiraachuu dubbatu.
Kana malees, qonnaan bulaan kun sababuma lafa kanaaf jecha armaan dura waajjira poolisii aanichaatti baatii tokkoo oliif hidhamee dararamaa kan ture ta’uun ibsameera.
Dabalataanis, yeroo ammaa kana godinicha guutummaa keessatti “nama barateef hojiin hin jiru” jechuun ilmaan hiyyeessaa barnoota eebbifamee taa’u carraa hojii dhorkanii gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiranii fi saamicha qabeenyaas akka malee hammeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

