ONM-ABO Hagayya 6, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaa Haqaan Jiraataa ganda Qu’ee Golaa jedhamu keessatti milishaa Bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Aliyyii Ahimed jedhamu Hagayya 1, 2025 milishoota dirqamaan bobbaasee qonnaan bulaa Ismaa’il Harahaa jedhamu lafa qonnaa isaa irraa ari’ee qochisiifachaa kan ture ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ismaa’il qonnaan bulaa siyaasa kam keessa hin jirree fi hojii qonnaa qofatti bobba’uun jiruu fi jireenya dhuunfaa isaa kan geggeeffatu ta’uu jiraattotni himanis milishaan Bilxiginnaa kun garuu mirga abbaa qabeenyummaa isaa PP da’oo godhatee afaan qawween sarbee jira.
Murni abbaa irree uummata Oromoo afaan qawween cafaqee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun hawaasa meesha maleeyyii irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisuu itti fufee jira.

