ONM-ABO Hagayya 2, 2023
Waraanni faashistii PP Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee haalota adda addaan dararuu irra darbee, lubbuu namootaa marartoo tokko malee ajjeessaa jira.
Jimaata darbe Adoolessa 28, 2023 godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Abbaa Caffii keessatti qonnaan bulaa Jamaal Yuuyyaa jedhamu badii tokko malee waraanni faashistii PP ajjeessan.
Jamaal Yuuyyaa hojii qonnaa isaa malee yakka tokko keessattuu hirmaatee kan hin beekne ta’us gareen maafi’aa PP jiraachuu uummata Oromoo hin barbaanne rasaasaan rukutaniiru.
Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti caasaaleen bilxiginnaa waraana waliin ta’uun uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, uummanni hojii dhuunfaa isaa bilisaan bobba’ee hojjetachuuf haalli jiru yaaddessaa ta’uu jiraattootni dubbatu.

