ONM-ABO Hagayya 29, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Gabbis keessaa Hagayya 25, 2025 barsiisaa maqaan isaa Hasan Ahimad Kadir jedhamu bakka hojii isaa godinichuma aanaa Odaa Bultum irraa wayita inni maatii dubbisuuf gara bakka dhaloota isaa deemu milishoonni Bilxiginnaa “leenjii waraanaa deemta” jedhanii ukkaamsuun waajjira gandaatti darbatanii jiraachuu maddeen gabaasan.
Oduu biroon immoo araddaadhuma Gabbis kana irraa Hagayya 25, 2025 dargaggoo maqaan isaa Abdallaa Haamiid jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira gandaatti hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, aanichuma araddaa Raahaa keessaa ammoo dargaggoota maqaan isaanii:
- Adamee Jabiir fi
- Abdii Johaar
jedhaman waajjira poolisii magaalaa Waldayaatti hidhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Koloneel Abiy Ahimed impaayera Itiyoopiyaa gama maraan kufaa jirtu deebisee suphuuf jecha waan qabee gadi lakkisu hoggaa dhabu ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umriin osoo adda hin baasin gara leenjii waraanaatti guuruu, dinagdee isaanii quucarsuufis saamicha daangaa darbe raawwachuu fi sarbamiinsa mirga namoomaan illee geggeessaa kan jiru ta’uun ni beekama.

