ONM-ABO Ebla 30, 2025
Gara jabeeyyiin ergamtoota murna PP dhala namaaf kabajaa namummaa hin qabne kan walii isaaniif illee wal nyaachaa oolan aanaa Malkaa Bal’oo Magaalaa Jaajaa keessatti reebicha hamaa wal irratti raawwachuun wal caccabsanii meeshaa wal irraa hiikuun mana hidhaatti wal darbachaa jiraachuu fi dargaggootas manneen irra deemuun harka walitti hidhanii dirqiin leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen ONM’tti.
Akkaatuma kanaan Ebla 29, 2025 ganda Aliishoo keessatti bobba’uun ganama bariin nama maqaan isaa Shariif Maammad Abdoo jedhamu dukkaana isaa keessaa gad baasuun reebicha irratti geggeessanii fuudhanii oggaa deeman, namni kun ergamtoota sirnichaa harkaa fiiguun yammuu badu, kana irraa kan ka’e ajajaa waraana PP magaalaa Jaajaa kan ta’e namni maqaan isaa Shaambal jedhamu milishaa maqaan isaa Zaayir Amiinee jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawachuun baatanii mana yaalaatti geessan milishoota hedduu isa faana jiran meeshaa irraa hiikuun reebee mana hidhaatti galchuu maddeen dabaluun ifoomsan.
Milishoonni sirnichaa qaamuma isaaniitiin miidhaan irra ga’e kun kanneen yeroo dheeraaf uummata onichaa dirqiin ukkaamsuun gara leenjiitti guuraa turan ta’uu odeessi onicha irraa ONM’n qaqqabe ni addeesa.

