Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni PP godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Balloo keessatti namoota gadda ta’aa jiran irratti reebicha raawwachuun beekame 

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Baha Oromiyaa Godinoota Harargee Lamaan keessatti hiraaarfamni hawaasa irra ga’aa jiru jabaachuun, aanaa Malkaa Balloo araddaa Makkanniisaa ganda Kataabee Golaa Jedhamtu keessatti waraanni PP uummata gadda ta’aa turan sababa tokko malee itti seenuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii mana hidhaatti guuruu jiraattotni dubbatan.

Namootni maqaan isaanii Aliyyii Abdii, Misbaay Muummee, Amad Jibiroo, Shukurii Mohaammad, Abdulsalaam Amad jedhamanii fi kanneen maqaan nun geenye hedduun yakka tokko malee haala ulfaataan reebamuun waajjira poolisii araddaa Makkanniisaatti hidhamanii jiraachuun dubbatame.

Waraana humna Furgaatuu ofiin jedhu uummata nagaatti bobbaasuun dararsiisaa kan jiru bulchaa araddaa maqaan isaa Aliyyii Aadee jedhamu ta’uu kan dubbatan jiraattotni, namni kun uummatatti diina guddaa ta’uun yakkoota ulfaatoo dalagaa jiraachuus himan.

Oduuma walfakkaatuun Harargee Bahaa aanaa qarsaa araddaa Balaangeey ganda Buree keessatti namoota maqaan isaanii Numerii Abduulaziiz, Muummee Muktaaree fi Mohaammad Abdulaa jedhaman Waraanni PP fi milishootni bakkichaa qajeelfama seera keenyaa diddan jechuun reebicha jabaa irraan ga’uun beekame.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Haramaayyaa araddaa Adelee wal ta’aa alii warree jedhamtu keessatti hidhattootni sirnichaa maqaa Waraana bilisummaa Oromoo deggerta jedhuu nama maqaan isaa Mohaammed Abraahim jedhamu jalaa dunkaana cabsuun maallaqa kuma Dhibba tokkoof kuma sagaltamii shan saamuu maddeen himan.

Exit mobile version