ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Murni faashistii PP ergamoota isaa garaa jabeessee ilmaan Oromoo irratti gadi dhisuun gochoota suukkaneessoo adda addaa gurraan illee dhaga’uuf namatti hin tolle irratti raawwachiisuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni sirnichaa jiraattota hidhuu fi saamuu itti fufaniiru. Aanichatti kantiibaan magaalaa Furdaa “Araddaa tokko gara magaalaatti murra jechuun mariisisaa erga tureen booda dargaggoo maqaan isaa Caalaa Turkii jedhamu “diddaa nu irratti agarsiistee fi hawaasa kakaaste” jechuun guyyaa dheengaddaa Fulbaana 15, 2024 qabanii hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa himan.
Dargaggoon kun miseeensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taanee fi badii tokko malee hidhaatti darbatamuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Kana malees, magaalicha keessa ergamtoonni bilxiginnaa “caasaa gandaa haarawwaa PP’n baase simanna” maqaa jedhuun qarshii dhibba lama lama hawaasa irraa guuraa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

