ONM-ABO Sadaasa 10, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo irraa dararaan hawaasa irratti raawwatamu hammaachuun ergamtoonni bilxiginnaa dhimma bobba’aniif illee hubatanii hin beekne Sadaasa 6, 2024 walga’ii hawaasa waamuuf jedhanii Sadaasa 5, 2024 “namni ijoollee keessan walga’ii hin finne, qaama waliin jiraattan beekkadhaa” jechuun doorsisaa kan turan ta’uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Akka jiraattonni araddichaa ibsanitti, maqaa walga’iitiin hawaasa hunda waamuun isaanii dargaggootaa fi qonnaan bultoota keessaa kanneen waraana deemanii leenji’an humnaan ukkaamsuuf akka ta’e himuun, araddoota aanichaa kanneen biroo Yaayyota, Gooyyoo fi Maadaroo jedhaman keessatti illee dararaan bifuma wal fakkaatuun hawaasa irratti raawwatamaa jiraachuu akkasumas humni qotee, baratee fi daldalee jiraachuu danda’u aanicha irraa godaanaa jiraachuu ibsaniiru.

