Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Mi’ootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa walga’ii baasuun doorsisa irratti raawwatan

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Lukkeeleen PP kaayyoo fi karora hin qabne ajaja qaama isaanii olii qofa guutuuf jecha dhama’an, Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hawaasaan “Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fiddu” jechuun sodaatanii raafama guddaa keessa galuun yeroo yerootti hawaasa walga’ii waamanii doorsisaa jiru. 

Aanaa Mi’oo ganda Carii jedhamu irraa torbee darbe keessa lukkeeleen Bilxiginnaa sodaa “Waraana Bilisummaa Oromootu nutti dhufa” jedhu waan qabaniif yeroo adda addaatti hawaasa walga’ii baasuun maatii qabsaa’otaa fi namoota “Waraana Bilisummaa Oromoo deggeru” jedhanii shakkan waltajjii irratti kaasanii dhaabuun arrabsoon qorqalbii miidhuu fi doorsisa adda addaa irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

“Waraanni Bilisummaa Oromoo naannoo kana dhufnaan, kan waame isini. Gaafa sana waan isin goonu ijaan agartu, namni tokko tuqamnaan hunda keessan hiinee fixna jechuun doorsisaa turuun illee dabalataan ibsameera.

Ganda kana malees, gandoota aanichaa hunda keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo yerootti walga’ii baasuun doorsisa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun baramee jira.

Yeroo ammaa Bilxiginnaan waltajjii dhoksaa taa’een maatii qabsa’otaa ajjeesaa gataa jechuun qajeelfama kennee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version