ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, saamuu, doorsisuu, hidhuu fi dararaa hamaa irraan gahaa jiruun cinaatti akka uummatichaaf yaadaniitti waltajjiin waa’ee nageenyaa fi misoomaan dararaa agarsiisaa oola.
Godina Lixa Wallagga magaalaa Gimbiitti lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa dirqamaan walga’ii hirmaachisuun doorsisa irratti raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Gimbiitti lukkeeleen bilxiginnaa Sadaasa 13, 2024 hawaasa nagaa dararuuf bobbaafaman kun hawaasa daandii irra deemu ukkaamsuun leenjii paartii badhaadhinaa leenjisaa kan turan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, “taatee Roobii darbe irra ga’e miira gaddaan ibsachuun jijjiiramni afaan qawween kiyya fudhadhuun dhufu hin jiru” jedhan. ‘Walga’ii yoo deemuu baattan ni hidhamtu’ jechuun loltoonni bilxiginnaa uummata humnaan walitti qabanii leenjii fudhattu nuun jedhan. Nuti qaamota siyaasa hojii kiyya jedhee hojjetu miti, yeroo waa’ee leenjichaa nutti himan, waan dubbannu wallaalle jechuun, achi keessatti waanti isaan hubatan kufaatii bilxiginnaa” ta’uu dubbatan.
Kana malees, ergamtoonni kunneen nama ijoollee bosonaa qabu, afoosha keessaa baasaa; baabura wajjin hin deeminaa; bakka isaan daaksisanitti hin daakkatinaa. Firri ykn maatiin isaan jalaa duunaan hin awwaalinaa. Gabaas wajjin hin deeeminaa. Buna waliin hin dhuginaa; Nagaas hin gaafatiinaa” jedhanii uummata shororkeessaa turan jechuun dabaluun ibsaniiru.

