ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Ilmaan Oromoo irratti karoora siyaasaa isaanii galmaan gahachuuf jecha akka waan garaa uummataa laaffifataniitti kijibaan yaadota gaarii fakkaatan afaan qofaan haasa’uun hojiin immoo dararaa hamaa ta’e uummata irratti raawwachaa kan jiran yommuu ta’u, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtootni Bilxiginnaa dirqamaan hawaasa “hojii tola ooltummaa” jedhanii dararaa jiraachuun ibsameera.
Adoolessa 27, 2024 Araddaa Gooroo Wadoo fi magaalaa Furdaa jedhaman keessatti osoo uummanni beelaan rakkachaa jiruu hojii tola ooltummaa da’oo godhachuun “mana harka qalleeyyii ijaaraa” maqaa jedhuun jiraattota maallaqa adabaa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Akka namoonni gandichaa jedhanitti, “lukkeeleen Bilxiginnaa guyyaa guyyaan qarshii nu gaafatu, waan finnee kaffallu dhabaa jirra, silaa gargaarsatu nuuf ta’uu qaba ture, ammaan tana qaamolee Bilxiginnaa mootummaa ofiin jedhu gargaaraa jirra, haala kanaan jiraachuun garmalee nutti ulfaatee jira jechuun rakkoo isaanii ibsatan.
Namoonni hedduunis waan kaffalan dhabuun mana hidhaatti guuramaa jiru kan jedhu jiraataan aanichaa yaada isaa ONM’f hime tokko, kuun immoo reebicha uleen qaamaa miidhamaa jiru, sababiin isaas, yoo waa hin kaffaltu ta’e ‘hidhata WBO qabda’ jechuun waan fedhan sirratti raawwatu” jechuun rakkoo isaan irra gahaa jiru dubbate.
Itti dabaluun akka jiraattonni kunneen jedhanitti nuti hawaasa keenya ni gargaarra garuu maqaa namoota harka-qalleyyii jedhu sababa godhachuun, saamicha nurratti raawwataa jiru mormina jedhe jiraataan kan biraan tokko.
Lukkeeleen Bilxiginnaa namoota kanaafis hin hojjetan, yeroo hedduu irra deddeebiin maqaa kana dhahuun saamicha daangaa hin qabne raawwachaa turan jechuun dabaluun ibsaniiru.

