Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti caasaan Bilxiginnaa maqaa tola- ooltummaa da’oo godhachuun hawaasa irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo golee Oromiyaa cufa keessa jiraatan irratti guyyaa guyyaan tooftaa haarawaa fi bifa jijjiirrate kalaquun uummatatti gadi baasanii dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti lukkeeleen bilxiginnaa maqaa tola ooltummaan hawaasa hunda irratti saamicha raawwataa jiraachuun beekameera.

Caasaan bilxiginnaa aanicha keessatti maqaa ‘tola ooltummaa’ jedhu da’oo godhachuun hawaasa ofiifuu waan nyaatu mana keessaa hin qabne hunda humnaan dirqisiisanii qarshii irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, konkolaachistoota bajaajii kan ta’an irraa qarshii 300-500 funaanuun, namoota baabura midhaan daaku qaban irraa immoo qarshii kuma tokko tokko saamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version