ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 23, 2025 magaalaa Naqamtee keessa deemuun namoota kophee qulqulleessan, kanneen meeshaalee tokko tokko gabaa keessa deddeebisanii gurguran, ijoollee hiyyeessaa, namoota daandii irra jiraatan, hojii dhabeeyyii fi namoota ergama isaanii dhugoomsuu danda’an mara irra deemanii maqaa galmeessaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen itti dhiheenyaan hordofan himanitti, namoota maqaa isaanii galmeeffatan kanneen gara fuulduraatti qarshii muraasa itti kennuun leenjii basaasummaa leenjisanii magaalichatti bobbaasuuf kan karoorfatan ta’uu himu.
Basaastonni galmaa’an leenjii gara fuulduraatti fudhataniin; haalaa fi sochii magaalichaa hordofuu, Sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii qabsiisuu fi waan danda’an hundaan Bilxiginnaa bira akka dhaabbataniif kan karoorfame ta’uun baramee jira.
Lukkeeleen Bilxiginnaa haala irratti baramuu hin dandeenyeen tooftaa haaraa tola ooltummaa da’oo godhachuu fi maqaa dhahachuun basaastota dhibbootaan lakkaa’aman magaalicha keessatti hedduminaan bobbaasanii sabboontotaa fi qabsoo Oromoo basaasuuf akka jiran barameera.

