Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Amboo keessatti murni bilxiginnaa dargaggoota kophee qulqulleessuun jiraatan dirqamaan qabanii leenjii milishummaa fi basaasummaa kennaafii jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Waggoottan ja’an darban kana keessatti ilmaan Oromoo afaan qawween doorsisee dirree waraanaatti erguun lola isaaniif hin malle irratti wareegama hadhaawwaa kaffalchiisaa kan oolu bilxiqinnaan, ammas kan yeroo kamuu caalaatti namoota qaala’iinsi jireenyaa itti hammaatee hojiiwwan humnaa hojjechuun jireenya isaanii geggeeffatan magaalota Oromiyaa garaa garaa keessaa ukkaamsuun leenjiitti guuraa jira.

Bara bulchiinsa bilxiginnaa kana keessa yeroo gara yerootti caasaalee sirnichaan saamamuu, hidhamuu, qe’ee irraa godaansifamuu, ajjeefamuu, fi ukkaamfamuun dararaa hamtuu keessummeessaa kan oolu uummanni Oromoo, yeroo ammaas tiksitoota impaayera Itoophiyaan sirna uummaticha diigaa jiru akka lubbuu isaan tiksuuf hiraarfamaa jira.

Haaluma kanaan magaalaa Amboo keessatti dargaggoota kophee qulqulleessuun jiraatan walitti qabuun waan nuti isiniin jenne gochuu qabdu, yoo diddan hojii kophee kana hojjechuu hin dandeessan jechuun qabanii leenjii milishummaa fi baasasummaa kennaafii kan jiran yoo ta’u warra dide ammoo ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen keenya magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version