Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Tigiree ta’an sadii meeshaalee garaa garaa fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachuun ifoome

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Murni Bilxiginnaa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun duguuggaa sanyiin raawwataa kan oolu ta’us, diinummaa isaa hadheeffachuun sabaaf sab-lammoonni impaayerattii yeroo garaa garaatti daangaa naannoo isaanii irraan lola irratti banaa kan jiranii fi ilmaan isaanii waraana faashistii PP keessa jiranis guyyuu hidhannoo guutuun WBO’tti makamaa jiru.

Guraandhala 8, 2025 aanaa Daduu irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lammii Tigiree ta’an 3 murna balfamaa Bilxiginnaa ganuun Bireenii 1, fi AKM 6 qabachuun WBO’tti harka kennatanii jiraachuuu odeessi WBO lafa sana socho’u irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Waraanni faashistii PP duraanii kunnee Simannaa WBO’n isaaniif godhetti hedduu gammaduu himuun, warri Oromoo taatanii sirna afaan qawween saba keessan duguugaa jiruuf ergamuun uummata keessan dararaa jirtan nuyiin fakkeenya godhadhaatii falmaa bilisummaa saba keessanii kan ta’e gooticha waraana bilisummaa Oromootti makamuun bulchiinsa abbaa irree kana biyya keessan irraa fonqolchaa jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiraachuun ifoomee jira.

Exit mobile version