Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godinaalee Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti uummata Jumlaan gara leenjiitti guuruun jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa aanaalee cufa keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa fi dararaan bifa adda addaan uummata irratti taasifamaa jiraachuu fi sababa fedhii malee qabamanii gara leenjiitti fe’amuun wal qabateen jiraattonni bahaa fi gala dhorkamuun yaaddoo fi hiraarfama guddaa Keessa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise ifoomsaniiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa garaa isaanii guuttannaan dantaan namummaa isaanitti hin dhaga’amnee fi kan utubaa sirna moofaa fi bututaa impaayerattii tolchuuf ifaajan maqaa adda addaa sababeeffachuun uummata Oromoo fedhii fi jaalala isaa malee dirqisiisuun mankaraarsaa jiraachuun beekamee jira.

Sirni garboomfataan impaayerattii kan uummata nagaa irratti gochoota suukkanneessaa raawwachaa oolu isatti xiqqaannaan yeroo ammaa kana immoo dararaa bifa haaraan geggeessuu eegalaniin kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti jiraattota humnaan ukkaamsanii gara dirree leenjii loltummaatti erguun cimee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Uummata Oromoo biyyaa fi qe’ee isaa irratti hiraarsuu akkuma aadeeffate murni balfamaan kun ilmaan Oromoo utubaa sirna bututaa impaayerattii gochuuf jecha humnaa fi afaan qawweetti dhimma bahuun jiraattota adamsanii ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun bifa haarawaan eegalee jira.

Exit mobile version