Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti ergamtoonni maafiyaa PP saamichaa fi dararaa garaagaraa uummata irratti geggeessaa jiraachuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Ifa Galaanoo jedhamu keessatti ergamtoonni impaayera Itoophiyaaf saamicha irratti bobba’anii argaman gaafa Muddee 29, 2025 irraa eegaluun saamicha bifa adda addaa raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akkuma kanaan Wiixata Muddee 29 waraanni faashistii Bilxiginnaa hawaasa ganda Ifa Galaanootti bobba’uun gosa midhaan garaagaraa saamaa kan jiran yoo ta’u, barbaree kiilogiraama kudhanii fi midhaan gosa garaagaraa kiiloogiraamii 20 afaan qawween qonnaan bultoota irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gamasii dubbisne Arraata Biyyoolessa oromiyaaf addeessanii jiru. 

Kana malees maqaa gibiraa fi kaffaltiiwwan gosa adda addaa tarreessuun saamicha maallaqaas geggeessaa kan turan yoo ta’u, tibbana immoo hawaasa waqtii oomishaa kanatti midhaan ooyiruu irraa galfatanii hin xumurre hojii isaanii irraa ittisuun hanga yeroo odeessi kun qindaa’eeti saamuu irratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu fi gandoota onichaa cufa keessatti bifuma wal fakkaatuun hawaasni dararamaa jiraachuu addeessaniiru. 

Dabalataanis aanichuma gandoota garaagaraa keessatti hawaasa saalaa fi umriin osoo addaan hin baasin bakkeewwan gabaa fi hojiiwwan dhuunfaa isaanii adda addaa irraa dirqamaan ukkaamsuun gara dirree leenjii waraanaa impaayerattiitti guuraa kan jiran yoo ta’u, torbanuma kana keessa aanichuma gandoota hedduu keessaa dargaggootaa fi abbootii maatii dabalatee namoota baay’inaan konkolaataa 3 ol ta’an qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti fe’anii turaniiru.

Exit mobile version