ONM-ABO Muddee 25, 2025
Qe’ee Oromootti duuluun saamicha geggeessaa kan jiran hidhattoonni koloneel Abiy Ahmediin bobbafaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo fi Gawoo Qebbee gandoota garaagaraa keessatti afaan qawweetti dhimma ba’uun, saamichi daangaa darbe jiraattoota nagaa irratti geggeeffama jiraachuu maddeen Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanaalee kanneen keessatti Muddee 21, 2025 irraa eegalee saamichi walitti fufinsaa qabu guyyaa 3ffaa adeema jiraachuu akkasumas gandoota hafan biroottis sochii taasisuuf qophii irraa akka jiran maddeen bakkichaa addeessaniiru.
Aanaa Sayyoo ganda Ilaalaa fi kanneen biroo keessatti saamichii gita hin qabne adeema jiraachuu fi bifuma wal fakkaatunis aanaa Gawoo Qebbee ganda Hundee Guddinaa fi Golboo jedhamuun beekamu keessattis gatiin gibiraa uummataa irraa guuramaa jiru 8000-15000 ta’u jirattoonni eeraniru
Saamicha geggeeffamaa jiru kun haalan yaadeessaa ta’uu fi kaffaltii akkanaas takkaa kaffalanii kan hin beekne ta’uu jirattoonni dabaluun dubbataniru.
Hawaasa Oromoo saamuuf tarsimoo garaagaraatti dhimma ba’a kan jiru mataan nafxanyoota koloneel Abiy Ahmed namoota isaaf kaffaluu hin dandeenyeef reebicha, hidhaa hanga ajjeechaati tarkaanfii sukkanneessaa rawwaachisa jiraachuun isaas ni beekama.

