ONM-ABO Ebla 28, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen barcuma nam-tokkee qofa tiksuuf hidhatanii bobbaafaman, teessuma siyaasaa Minilikiin bocamee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun dhaloota akka baala mukaatti harcaasaa oolu utubuuf dhama’an, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gawoo Qeebbee ganda Gurii Maariyaamitti Ebla 26, 2025 dargaggoota maqaan isaanii:
- Jibriil Sulxaan,
- Gammachuu Saxxany,
- Alamuu Asfawuu,
- Iddoosaa Girmaa,
- Danjoo Dabalaa fi
- Carraa Lammeessaa
kanneen jedhamanii fi kanneen maqaan isaanii ammaaf nu hin qaqqabne baay’inaan 12 ta’an fedhaa fi kaka’umsa isaanii malee humnaa fi afaan qawween ari’anii qabuun gara leenjii waraanummaatti fe’anii kan jiranii fi hanga namoota 75’tti dhiira 70 fi dhalaa 5 itti dabaluuf karoorfatanii jiraachuu maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Kana malees gandicha keessatti saamicha daangaa darbee fi dararaa adda addaa raawwachaa jiraachuu kan dubbatan maddeen, keessumaa immoo gochoota ciiggaassisoon safuu hawaasichaa cabsan haawwanii fi shamarran keenya irratti hammaachuu irraan kan ka’e nagaan bobbaanee galuun hafee wabii lubbuu keenyaaf dhabnee rakkoo haalaan yaaddessaa keessa jirra jechuun yaada isaaniitti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Oduudhuma kana fakkaatuun aanaa Yamaaloogii Walal gandoota akka Loomica Cabalii fi ganda Akuukkuu jedhaman keessattis maqaa Raayyaa Ittisa impaayerattiif jedhuun ol-adeemtota ilmaan Oromoo dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Kana malees maqaa waajjira mana murtii aadaa ijaarra jedhuun qarshii 1,500-2000 fi midhaan nyaataa hawaasa irraa saamaa jiru. Gochi kunis akkuma guutummaa aanaalee godinicha maraatti saamichaa fi dararaan murna Bilxiginnaan hawaasa Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kan duraan baratameen olitti bifa adda ta’een geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

