Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo fi Gaawoo Qeebbeetti waraanni Bilxiginnaa namoota afur rasaasa itti roobsuun ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Uummanni Oromoo erga karaa ergamtoota Bilxiginnaan reebicha, hidhaa, gubaatii manneenii, saamicha qabeenyaa, ajjeechaa suukkaneessaa fi dararaa hamaa keessummeessuu eegalee baroota lakkoofsisee jira.

Amajii 9, 2025 hidhattootni sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo bulchiinsa magaalaa Dullii iddoo addaa Qocaa jedhamutti dargagoota lama toora sa’atii 1:00’tti osoo isaan lafa gaddaatii maatii warra gaddaa jajjabeessanii galaa jiranii ajjeesuun dhagaa’ame. 

Dargaggootni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii  Lalisaa Iggazuu fi Dinqaa Dibaabaa kanneen jedhaman yoo ta’an, waraanni goolessaan Bilxiginnaa gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii, erga ajjeesanii boodas reeffa isaanii saanjaadhaan wawaraanuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akkasumas aanaa Gawoo Qeebbee ganda Shimalaatti waraanni maafiyaan impaayerattii namoota nagaa maqaan isaanii Masgabuu Taaddasaa fi Maammud Eliyaas jedhaman badii tokko malee mana isaaniitii gadi fuudhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii yoo deeman ganduma sana keessatti kaleessa Amajjii 10, 2025 ammoo manneen uummataa 4 gubuun erga barbadeessaniin booda horii isaanii jalaa fudhanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Exit mobile version