ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Waraanni Afriikaaf abdatama jedhamee hololaan afarfamu yeroo inni itti WBO dura dhaabbachuu dadhabee, qaanii wallaaluun osoo uummatni arguu baqatutu argama.
Waraana akka isaa hidhatee dirree irraa isa lolu dheessuun uummata harka duwwaatti ol deebi’ee roorrisuu fi ajjeessuu kan amaleefate waraanni bilxiginnaa dheengadda Adoolessa 3, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa naannoo buufata xiyyaaraatti lolamuun du’aa fi madoon adabamtee aarii sanaan gandichuma keessaa iddoo addaa Gabaa Dafinoo jedhamutti nama nagaa tokko manaa gadi waamuun ajjeesuu maddeen gabaasan.
Guyyaa sana waraanni kun hedduu waan haleelamteef naasuu guddaarra turte kan jedhan maddeen, naasuurraan kan ka’e reeffa ishee kaan gattee baqachuun reeffa shammarran waraana ishee sadii awwaalachuuf mana obbo Mulgeetaa Aagaa deemuun akaafaa yoo gaafattu, obbo Mulgeetaan an akaafaa hin qabu jedhee yoo deebisu marartoo tokko malee ija maatii duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu.
Obbo Mulgeetaan torban kana firri isaa jalaa duunaan gadda taa’aa kan ture yoo ta’u, waraanni safuu namummaa hin qabne maatichaaf gadda irratti gadda dabalanii jiru.

