ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Safuu fi safeeffannaa uummataa kan hin beeknee fi ilmaan Oromoo barnootaan akka hin cimneef karoorfatee barattoota sadarkaa garaa garaa irra jiran dararaa kan jiru waraanni faashistii imphaayera Itiyoophiyaa goleelee Oromiyaa hedduutti mana barnootaa mooraa waraanaa taasifachuun, ilmaan Oromoo akka barnootaan hin qaramnee fi doofummaa keessatti hambisuuf yeroo adda addaatti barattoota hidhee, ajjeesee, bakka buutee dhabamsiisee dararaa hamaa irraan geessisaa turuu fi itti jiraachuun isaa ni beekama.
Haaluma kanaan, Adoolessa 25, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Walga’ii Bubbukaatti kan argamu mana barumsaa Biiftuu Shukkoo jedhamu keessaa akka barattoonni bara dhufu itti hin baranneef qorqorroo mana barumsichaa irraa buqqaasuun diiganii meeshaalee barnootaa achi keessatti argaman kanneen akka: kitaaba, gabatee gurraacha, teessumaa fi k.k.f konkolaataa waraanaatti fe’atanii deemuu maddeen keenya eeranii jiru.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti, waraanni nama nyaataa PP kunneen guyyoota muraasa duras waardiyyaa mana barnootichaa irratti reebicha hamaa erga irraan geessisaniin booda qabeenyaa fi mana jireenyaa isaallee abiddaan barbadeessuun, wayita ammaa kanas nama kana malees gocha gara jabeenyaa jiraattota irratti raawwachaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

