ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaa imphaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaaniin yakkuun hidhuu cimsee itti fufee jira.
Barsiisota jireenya isaanii ofitti hir’isuun saba isaaniif dhaabbatanii dhaloota barnootaan qaruun ija doofummaa cabsaa jiran qooda kaffaltii guddaa kaffaluufii qaban dararaa itti hammeessaa jiru. Haaluma kanaan Adoolessa 29, 2024 waraanni faashistii PP godina Qellam Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessatti barsiisota baadiyyaa keessa taa’anii lammii isaaniif dhimmamanii barsiisaniin ”baadiyyaa teessanii Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jechuun qabanii hidhaatti naqanii jiru.
Maqaan barsiisota hidhamanii jiranii kunneen:
- Shuumaa Lammii,
- Birqee Waaqtolee fi
- Addunyaa Tolaa yoo ta’an, barsiisota kanneen badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, “barsiisonni kunneen hojii barsiisummaan alatti siyaasa kam keessaayyuu kan qooda hin qabne yoo ta’an, hawaasaa fi barattoota isaanii biratti jaallatamummaa guddaa kan qabaniidha” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

