ONM-ABO Adoolessa 28, 2024
Faallaa naamusa waraanummaa kan deemanii fi kabaja namummaa ilmaan namootaaf kan hin qabne waraanni maafiyaa bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun ilmaan Oromoo adamsuun hidhuu, ajjeesuu fi dinagdeen hawaasaa akka hin guddanneef qabeenya isaa saamaa kanneen biroo ammoo gubanii barbadeessuun roorrifama hamaa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan Adoolessa 25, 2024 waraanni imphaayera Itiyoophiyaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa bakka addaa Mishiggii jedhamutti uummata nagaa kanneen albuuda Warqee mala aadaan lafa keessaa qotanii gurgurachuun jireenya isaanii geggeeffatan saamuun himameera.
Loltoonni sirnichaa qabeenya jiraattota albuuda baasuun jiraatan hunda isaa hanga uffata isaaniitti saamuudhaan mana jireenyaa isaanii abiddaan erga barbadeessanii booda qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqaasanii ari’uu maddeen keenya itti dhiyoo himanii jiru.
Wayita ammaa kana uummanni nagaan qabeenya isaaniirraa buqqaafaman waqtii gannaa kanaan qabeenya keenya saamamnee, qe’ee keenyarraas ari’atamnee bakka dhaqnus, nama itti iyyannus wallaallee rakkoo hamaaf saaxilamnee jirra” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

