ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Waraanni sirna dhabeessi imphaayera bututtuu Itiyoophiyaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun uummata nagaa hidhuu, qabeenyaa isaa saamuu, barbadeessuu fi ajjeesuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, Adoolessa 24, 2024 waraanni sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Badhaasoo Cabal jedhamutti namoota maqaan isaanii Obbo Gannatii Shifarraa fi Bashaa Yaadataa jedhaman jalaa loon isaan qaban hunda guutummaa guutuutti saamanii deemuu jiraattonni ibsanii jiru.
Akka Jiraattonni gandichaa kunneen jedhanitti namoonni kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan malee siyaasa keessaa harka kan hin qabneedha jechuun yoo dubbatan, sirnichi maqaa WBO tooftaa saamichaa godhatee itti fayyadamaa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

