Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti ajjeechaan namoota nagaa irratti taasifamuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Waraanni faashistii PP aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Jogee Badhaasoo keessatti Ebla 4, 2025 namoota nagaa lama mana isaaniitii qabuun gaaffii seeraa tokko malee gara jabinaan rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namoonni yakka tokkollee osoo hin qabaatin ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Kennasaa Lammeessaa fi
  2. Obbo Gammachuu Dhugaasaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen bultii ijaarratanii ilmaan tokko tokko akka qabanis addeeffameera.

Akka maddeen ibsanitti namoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachifachuu malee tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu irraa walaba ta’uu himuun jaleewwan Bilxiginnaa ammoo maqaa dharaa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhu itti maxxansuun galaafachuu itti dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version