Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti tiksitoonni impaayerattii namoota lama manaa fuudhanii ajjeesuun dhaga’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025 

Lukkeeleen murna Bilxiginnaa kanneen koloneel Abiy Ahimed irraa mirga ajjeesuu gonfachuun saba Oromootti bobbaafaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Jogee Badhaasoo bakka addaa Jogee jedhamu keessatti Waxabajjii 24, 2025 ganama toora sa’a 2:00’tti namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Obbo Shariif Raagaa fi 
  2. Gammachuu Tsaggaa 

jedhaman balleessaa osoo hin qabaatin mana maatii isaaniitii qabuun gara laafina tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namoonni kunneen yakka dalagan kan hin qabne oggaa ta’an, Obbo Shariif abbaa maatii kan ta’ee fi hojii idilee isaa qofa irratti bobba’uun maatii isaa jiraachifachuun alatti hariiroo fi tuttuqaa qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne yommuu ta’u, gara jabeeyyiin barcuma irratti Abiy Ahmediin qofa tiksuuf dhama’an immoo obboleessa keetu Qeerroo Bilisummaa Oromooti maqaa jedhuun akka ajjeesan maddeen dabaluun himaniiru. 

Dargaggoo Gammachuun immoo dhalataa aanichaa ganda Gurii Maariyaamii bakka addaa Liiban yommuu ta’u, innis barataa yuuniversiitii ta’uu fi dhiheenya kana gara qe’ee maatiitti akka galee fi yakka isa ajjeesisu osoo hin taane badii seeraan isa gaafachiisu illee kan hin qabne ta’uu jiraattonni dubbatu.

Dur irraa kaasee hanga har’aatti simpaayerri Itoophiyaa saba Oromoof tolee kan hin beekne, tibbana immoo bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessa  ilmaan Oromoo balleessaa malee yakkamuun cinatti Oromummaan isaanii qofti yakka ta’uun akka bineensaatti bakkuma argame maratti ajjeefamaa jiru.

Exit mobile version