Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti waraanni faashistii PP maanguddoo ganna 70 tokko haala suukkanneessaan ajjeesuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Murni ajjeesuu fi hidhuun impaayera bututtuu jiguuf raafamaa jirtu waan utubu itti fakkaatu Bilxiginnaan, guyyaa irraa gara guyyaatti uummata nagaatti maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun daba dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jira.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gaanqaa Icoo jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Waxabajjii 19, 2025 maanguddoo ganna 70 olii kan maqaan isaanii Obbo Abarraa Barkeessaa jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala nama suukkaneessuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun tuttuqqaa siyaasaa kam keessaa qabaateef osoo hin taane, maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun ajjeesuu himuun, Obbo Abarraan abbaa ilmaan 9 yoo ta’an, naannoo jiraatan keessatti jaallatamummaa kan qabanii fi namoota wal dhaban walitti araarsuu malee, guyyaa tokkollee maqaan isaanii waan hamaatti dhahamee akka hin beeknes itti dabaluun himu.

Exit mobile version