ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Murni uummata Oromoof gara laafina tokkollee hin qabne bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan golee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun hawaasa nagaa xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa akkasumas jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne namuma dhiigni isaa Oromoo ta’e hunda maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jira.
Waraanni koloneel Abiy Ahimed aanaa Gaawoo Qeebbee irraa Onkoloolessa 24, 2024 nama maqaan isaa Dastaa Dirribsaa jedhamuu fi nama tokko kan maqaan isaa yeroof adda hin baane magaalaa Qeebbee irraa badii tokko malee qabanii reebicha hamaa irraan gahuun qaama erga laalessanii booda godinuma kana gara aanaa Sadan Caanqaa geessuun bakka Laga Cunnii jedhamutti rasaasa itti roobsanii haala rifaasisaa ta’een ajjeesuun gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen namoota nagaa siyaasa kam keessattuu qooda hin fudhannee fi badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf akka bineensaatti ajjeefamanii bakkeetti gatamuun biyyeen illee osoo irraa hin bu’in lafee isaanii waraabessi nyaate jechuun miira gaddaan dubbatu.

