ONM-ABO Fulbaana 8, 2024
Uummata meesha-maleeyyii shororkeessuu, ajjeesuu, hidhuu, qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu hojii idilee isaa taasifatee kan jiru bineensichi guyyaa saafaa Bilxiginnaan, tibba kana maqaa “caasaa gandaa deebisanii ijaaruu” jedhuun uummata nagaa dararaa jira.
Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Iluu Bakar jedhamutti bulchaa gandichaa kan ta’e, namni maqaan isaa Fiqaaduu Galataa jedhamu maqaa “caasaa gandaa deebisanii ijaaruu” jedhuun kaabinoota aanaa fi milishoota impaayerichaa guurrachuun uummata meesha maleeyyii qe’ee fi qabeenya isaarraa ari’uu maddeen keenya ifoomsan.
Akka maddeen himanitti, “uummanni caasaa gandaa ijaaruu waan jedhamu kana akka hin fudhanne yoo beeksisu, “akkamitti hin fudhattan?” jechuudhaan yoo doorsisan, sababa kanaaf jecha hawaasa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi isaantu mormaa jedhe waan jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa erga bosonatti ari’anii bubbuluu” Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

